Meeshaaleen waraanaa seeraan ala socho’aa ture to’atame

Finfinnee, Guraandhala 2, 2016 (FBC) – Kilaashiin Kooviin 44 fi Matarayyeessiin1 karaa seeraan alaa gara Magaalaa Finfinnee seenuuf ture to’atamuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksiise.

Konkolaataan lakkoofsa gabatee hin jirre maxxanfachuun qaama isaa keessa meeshaalee kanneen dhoksuun dabarsuuf ture sakattoo gaggeeffameen to’atamuu himeera.

Shakkamaan meeshaalee kanneen daddabarsaa ture to’annoo jala ooluun dhimmicha qoratamaa jiraachuu ibseera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment