Meeshaaleen  Waraanaa fi Zayiita nyaataa seeraan ala Finfinneedha gara Aanaa Dharraattii gale to’annaa jala oole

Finfinnee, Eebila 2, 2012 (FBC) – Meeshaaleen  Waraanaa fi Zayiita nyaataa Liitra kuma 7 fi 700 seeraan ala Finfinneedha gara Aanaa Dharraattii gale to’annaa jala oole.

Godina Shawaa kaabaatti Meeshaalee Waraanaa fi Zayiita nyaataa Liitra kuma 7 fi 700 seeraan ala Finfinneedha gara Aanaa Dharraattii gale to’annaa jala ooluusaa Waajjirrii Poolisii Aanaa Dharraa beeksise.

Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf haawaasni fi Mootummaan wayita qindoominaan hojilee adda addaa irratti hojjachaa jiran kanattii, daldaaltoonni seeran alaa immoo qaxxaamuraan duroomuuf carraa kanatti fayyadamanii hojjachaa akka jiran himame.

Ta’uus garuu gochi seraan alaa essayyu waan hin geenyeef hawaasnii fi qaamoleen nageenyaa waliin akka hojjechaa jiranis himame.

Tarkaanffiin seeraas irratti fudhatamaa jira jedhame.

Akka gabaasa OBNtti, tibbanas Aanaa Dharraatti Meeshaalee Waraanaa gosa adda addaa dabalatee Zayitnii nyaataa Jarikaanaa abbaa Liitira 20 dhibba 3 fi 85 Finfinneedha gara Aanaa Dharraattii seeraan ala galee to’annaa jala akka oole Gargaaraan Inspeekteraa Gaaddisaa Adaaree himaniiru.

Comments (0)
Add Comment