Meeshaaleen seeraan alaa Shugguxii 397, rasaasoonni 69, Sadafiin kiilaashii 13 fi kilaashiin tokko to’anna jala oolan

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2014 (FBC)- Meeshaaleen seeraa alaa Shugguxiin 397, rasaasoonni 69, Sadafiin kiilaashii 13 fi kilaashiin tokko to’anna jala ooluu waajjirri Poolisiin aanaa Armaacihoo beeksiseera.

Godina Gondaar Lixaa aanaa Armaacihootti caasaan nageenyaa hawaasa waliin sakattoo qinda’aa gaggeesseen meeshaaleen waraanaa dhokfamanii turan to’annaa jala ooluu beeksiseera.

Itti gaafatamaan waajjira aanichaa garagaraan Inispeektar Haaylee Birhaanuu akka himaniitti, mana nama dhuunfa keessaa dhokfamee kan ture Shugguxiin 397, rasaasoonni 69, Sadafiin kiilaashii 13 fi kilaashiin tokko to’annaa jala ooluu himaniiru.

Namoonni dhuunfaa kara seeraan ala meeshalee waraanaa daddabarsaan gocha isaanii kanarra akka of qusataan himaniiru.

Maddi:-AMK

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment