Meeshaaleen maalummaan isaanii hinbeekamnee fi baalli sammuu namaa hadoochuu Kg 96 buufata Xiyyaaraa Booleetti to’atame

Finfinnee, Waxabajjii 9, 2014 (FBC) – Baalaa sammuu nama hadoochu kiiloogiraama 96 fi yeroof maalummaan isaa kan hinbeekamne meeshaaleen biroon Buufataa Xiyyaraa Idil Addunyaa Booleetti to’atamuun eerameera.
Meeshaaleen kunneen xiyyaara gara Afrikaa Kibbaa Johaanisbargiitti balali’uun kan gara biyya alaa ba’uuf ture, baala sammuu namaa hadoochuu 39, kanneen kiiloogiraamaa 44 ulfaatan sakatta’iinsaan to’annoo jala oolfamaniiru.
Haaluma walfakkaatuun, meeshaalee 42 kanneen kiiloogiraama 52 ulfaatan yeroof maalummaan isaanii hinbeekamne, walumaagalaan meeshaaleen 96 to’atameera.
Meeshaaleen kunneen qorannoon Poolisii Federaalaan akka adda ba’uuf ergamee bu’aan qorannoo baala sammuu namaa hadoochuu ta’uun eerameera.
Maddi :-TOI
Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment