Meeshaaleen koontirobaandii Birrii Miiliyoona 168 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Amajjii 6, 2015 (FBC)- Meeshaaleen koontrobaandii Birrii miiliyoona 168 olitti tilmaamamu to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Koomishinichi Mudde 28 hanga Amajjii 4, 2015’tti hordoffii taasiseen, meeshaalee kontiroobaandii galii miiliyoona 86 fi meeshaalee alergee miiliyoona 82.6 walumaagalaan miiliyoona 168.6 to’achuu ibseera.

Meeshaaleen to’atamaanis, uffannaalee, boba’aa, beeylaadoota dhaabbii, elektrooniksii, buna, qorichaa, konkolattoota, meeshaalee bareedinaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, baala sammuu hadochuu, zaayita nyaataa fi mallaqoonni biyyoota garaagaraa to’atamaniiru.

Meeshaalee kontiroobandii kanneen waliin namoota 12 fi konkolattoota 6 to’achuu ragaan Koomishinicharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment