Meeshaaleen kontiroobaandii tilmaamama Birrii miiliyoona 44 ol qabanii to’ataman

Finfinnee, Caamsaa 16, 2013 (FBC)- Meeshaaleen kontiroobaandii tilmaamama gatii Birrii miiliyoona 44 fi kumni dhibbi 7 kumni 37 fi 757 ol qabanii to’annaa jala ooluu Ministeerri Galiiwwanii beeksiseera.

Meeshaaleen kontiroobaandii adda addaa galii fi baasii to’annaa jala oolaan kunneen  Caamsaa 7 hanga 12, 2103tti buufatalee sakattootti to’annaa jala kan oolaniidha.

Kanneen keessaa meeshaaleen tilmaamama gatii Birrii miiliyoona 43 fi kumni dhibbi 1 fi kumni 31 fi 467 gara biyyaa wayita galfamuuf yaalaniitti to’annaa jala kan oolan.

Kanneen tilmaamama Birrii miiliyoona 1 fi kumni 606 fi 290 biyyaa baafamuuf wayita yaalanitti to’annaa jala kan ooluu ragan Ministeericharra argamee ni muul’dhisa.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment