Finfinnee, Bitootessa 19, 2014 (FBC) –Godina Harargee Bahaatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona walakkaa olitti tilmaamamuu konkolaataa poolisiitin daddabarfamaa ture to’atamuu Komishiniin Poolisii godinichaa beeksiseera.
Itti gaafatamaan olaanaa diviizhinii miidiyaa fi kominikeeshinii komishinichaa Insipeektar Tolaasaa Gooshuu FBC akka himaniitti, konkolaataan Poolisii Federaalaa Paatrooliin meeshaalee kontiroobaandii Dirree Dawaarra gara godina Harargee Bahaatti daddabarsaa ture eeruu uummataa fi tattaaffii qaamolee nageenyaatiin aanaa Haramaayaatti to’atamuu ibsameera.
Meeshaaleen karaa seeraan ala daddabarfamaa turan dabalatee Cheekii Birriin kumni 30 irratti barreeffamee waliin to’atamuu ibsameera.
Tashoomaa Haayliitu gabaase
Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.