Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 9.8 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Eebila 28, 2014 (FBC) – Godina Shawaa Bahaa magaalaa Mataaraatti uffataalee fi Sigaaraan Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 9.8 olitti tilmaamamu to’atamuu Poolisiin beeksiise.
Meeshaaleen kontiroobaandii kunneen Awaash 7 gara magaalaa Adaamaatti karaa seeraan alaa wayita imalaa turan to’atamuu Qajeelcha Poolisii godinichaatti itti gaafatamaan Diiviizhinii Miidiyaa fi Kominikeeshinii Komaandaar Aschaalaw Alamuun ibsaniiru.
Uffanni boondaan 120 fi Sigaaraan Isteekkaan kumni 11 fi 299 Birrii miiliyoona 9.8 baasaan hordoffii taasiifameen to’atamuu eeraniiru.
Maddi:-TOI
Fuula Feesbuukii keenyaan dabalataa odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment