Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 82 olitti tilmaamaman qabaman

Finfinnee, Bitootessa 17, 2014 (FBC) – Torban darbe meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 82 fi kuma dhibba 7 fi kuma 14 olitti tilmaamaman qabamuu Komishiniin Gumuruukaa beeksise.

Komishinichi hordoffii torban darbe taasiseen meeshaalee kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 76 fi kuma dhibba 5 fi kuma 35tti shallagamanii fi meeshaalee al-ergii Birrii miiliyoona 6 fi kuma dhibba 1 fi kuma 78tti shallagaman dameewwan garaagaraatti to’achuu ibseera.

Meeshaaleen kunneen tattaaffii waloo hojjettootaa, miseensota poolisii federaalaa, poolisii naannolee fi hawaasaan to’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment