Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 71.8tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Bitootessa 5, 2014 (FBC) – Torbee darbe keessa Meeshaaleen Kontiroobaandii seeraan ala ba’uu fi galuuf ture Birrii miiliyoona 71.8tti tilmaamamu to’atamuu ibsameera.
Komishiniin Gumrukaa torbee darbe hordoffi taasiiseen Meeshaalee karaa seeraan alaa gara biyya keessaa galuuf ture Birrii miiliyoona 62.8 fi kan gara alaatti ba’uuf ture meeshaalee Birrii miiliyoona 5.8tti tilmaamamu Waajjira dameewwan garaagaraatti to’achuu ibseera.
Meeshaaleen kunneeniis Uffataalee, Meeshaalee Elektirooniksii, Buna, Qorichaalee, meeshaalee faayaa, Jimaa, Baala Sammuu namaa Adoochuu fi maallaqoota biyyoota adda addaa ta’uu ragaan Komishinii Gumrukaarraa argame ni muul’isa.
Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment