Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC) – Eebila 28 hanga Caamsaa 6,2013tti Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 69 fi kuma dhibba 2 fi kuma 15tti tilmaamamu to’atameera.
Meeshaaleen karaa seeraan alaan gara biyya keessaa galuuf turan Birrii miiliyoona 66 fi kuma dhibba 7 fi kuma 44 fi 994 tilmaamamanii fi kan seeraan ala gara biyya alaa ba’uuf turan Birrii miiliyoona 2 fi kuma dhibba 4 fi kuma 70 fi 962tti tilmaamaman to’atamaniiru jedhame.
Meeshaaleen kunneen Dameewwan Gumruukaa Finfinnee buufata Xiyyaaraa Boolee, Qaallittii, Jimmaa, Adaamaa, Awaash,Hawaasaa, Jigjigaa, Dirree Dawaa, Mooyaalee, Bahaar Daar, Gaalaafii, Kombolchaa fi Asoosatti to’atamuu himameera.
Buufata Xiyyaaraa Boolee, Mooyaalee fi Dirree Daawaatti sosochiin daddabarsa meeshaalee Kontiroobaandii olaanaan kan muul’ate yoo ta’u, Konkolaattoonni meeshaalee kanneen fe’anii turan 41 to’atamuu isaanii ibsameera.
Maallaqoonni biyya alaa, Uffataaleen garaagaraa, Meeshaaleen nyaataa, Elektirooniksii, Kopheewwan, Meeshaaleen qaama jijjiirraa konkolaataa, Qorichoonnii fi Baalli Sammuu adoochan, Meeshaaleen waraanaa fi kanneen biroo to’annoo jala ooluu ragaan Ministeera Galwwaniirraa argame ni muul’isa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.