Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 67 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Bitootessa 11, 2014 (FBC) – Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 67 fi kuma dhibba 5 fi kuma 20 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumrukaa beeksiise.

Torbe darbe meeshaaleen seeraan ala gara alaatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 63 fi kuma dhibba 8 fi kuma 77 fi kan alatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 3 fi kuma dhibba 6 fi kuma 42 baasu Waajjira dameewwan Gumrukaa garaagaraatti to’atamuu ibseera.

Meeshaaleen kunneen buufatalee Dirree Dawaa, Jigjigaa fi Hawaasatti to’atamuu ragaan Komishinii Gumrukaarraa argame ni muul’isa.

Uffataaleen, boba’aan, meeshaaleen Elektirooniksii, Bunni, Qorichoonni adda addaa, meeshaalee jijjiirraa qaama konkolaataa, meeshaaleen waraanaa, Jimaan, baalli sammuu adoochuu fi maallaqoonni biyyoota garaagaraa meeshaalee to’ataman keessaa muraasa ta’uu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment