Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 52tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Sadaasa 13, 2013 (FBC) – Torbee tokko keessatti kutaa biyyattii garaagaraatti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 51.9tti tilmaamamu to’atamuu ibsame.
Meeshaaleen Birrii miiliyoona 31tti tilmaamamu wayita biyya keessa galuuf jedhu, meeshaaleen Birrii miiliyoona 20tti tilmaamamu ammoo gara alaatti ba’uuf wayita socho’u too’atamuu ibsameera.
Horiin dhaabbii, oomishaaleen nyaataa, uffataleen, Faayawwan, meeshaaleen elektirooniksii fi baalli sammuu adoochu hedduun too’atamuu eerrameera.
Meeshaaleen kunneenis damee Gumrukaa Mooyaalee, Yaaballoo, Nagallee Booraanaa, Bolee Horaa, Xixxiichaa, Ciiccuu Koonsoo,Adaabbaa, Dirree Dawaa,Lagaar, Biiyyooqoobee, Dawallee, Bahaar Daar, Diillaa fi dameewwan birootti too’atamaniiru.
Damee Matammaatti rasaasni bireenii 30, Kilaashii 166 fi Doolaarri Ameerikaa kumni 2 fi 771 too’atamuu ragaan Ministeera Galiiwwaniirra argame ni agarsiisa.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaa.
Comments (0)
Add Comment