Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 44 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Hagayya 27, 2013 (FBC) – Adoolessa 1 hanga Hagayya 27, 2013tti meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 44 olitti tilmaamamu to’atamuu Ministeerri Galiiwwanii beeksiise.
 
Meeshaaleen kunneen gara alaatti ba’uu fi biyya keessa galuuf wayita socho’an to’atamuu ibsameera.
 
Meeshaaleen seeraan ala gara biyya keessa galuuf turan Birrii miiliyoona 38 fi kuma dhibba 9 fi kuma 64 olitti tilmaamamu yoo ta’atamu, kan gara alaa ba’uuf ture Birrii miiliyoona 5 fi kuma dhibba 3 fi kuma 83 ol baasu to’atamuu ministeerichi ibseera.
 
Maallaqoonni biyyoota alaa, Warqeen, Maashinni warqee baasu, uffataleen garaagaraa, Kopheen, meeshaaleen nyaataa, meeshaaleen waraanaa, elektirooniksii, qaamni jijjiirraa konkolaattootaa fi qorichoonni hedduminaan kan keessatti argaman ta’uu ragaan Ministeera Galiiwwaniirraa argame ni muul’isa.
 
Feesbuuki keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
 
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
 
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
 
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment