Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 407tti tilmaamamu to’ataman

Finfinnee, Guraandhala 19, 2016 (FBC)- Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 407tti tilmaamman to’annoo jala oolfamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Komishinichii hordoffii fi to’annoo Guraandhala 8-14, 2016’tti taasiseen meeshaalee kontirobandii galii Birrii miiliyoona 263.1 fi meeshalee kontirobaandii daldala alaa Birrii miiliyoona 144.1’tti tilmaamamu waajjiraalee dameelee isaatti to’annoo jala oolchuu ibseera.

Meeshaleen to’atamanis uffannaalee, meeshaalee elektirooniksii, Buna, qorichaalee, meeshalee faayaa, Jimaa, baala sammuu hadoochu, qamolee jijjiirraa konkolaataa, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uun eerameera.

Dabalataan meeshalee kontirobaandii daddabarsuun kanneen shakkaman, shakkamtota 19 fi konkolaattonni 6 to’annoo jala oolfamuu ragaan komishinicharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment