Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 38. 2tti tilmaamamu to’anno jala oole

Finfinnee, Gurraandhala 14, 2013 (FBC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 38. 2tti tilmaamamu to’anno jala oolu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
Sirna gumuruukaa barbaachiisan osoo hin raawwatamiin meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 38 fi kuma 200 fi kuma 93 fi 584tti tilmaamamu yaaliin gara biyyaatti galchuu fi baasuun taasifame torban tokko keessatti too’anno jala oolaniru.
Dhimmoota kanneen waliin walqabatanii shakkamtoonni sadeet to’atamanii qorannoon taasifamaa jiras jedhameera.
Meeshaalee kontiroobaandi gara biyyaa wayita galan kan irra gahame Birrii 31,022,296 yoo tahu, gara biyya alaatti baasuuf yaalame Birri miiliyoona 7 fi 271,288 kan tilmaamaman tahuus himameera.
Meeshaleen qabaman kunneen meeshaa waraanaa(Fanjii, shuguuxii, rasaasaa Kilaashii) boba’aa sharafa alaan bitame gara biyyaa galee, qorichoota qulqullinni isaa hin eegamne, qoricha sammuu namaa hadoochuu, omishaalee nyaataa fi miidhaginaa, karaa seeraan alaatiin maallaqoota biyya alaa naanna’aa turan(Doolaara Ameerikaa,Birri, Dirhaam, firaankaa siwiisi fi riyaadi Saa’udi) Albuudaa, omishaalee qonnaa,eleektironiksi fi uffataaleen keessatti argamu.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment