Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 300’tti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Amajjii 14, 2016 (FBC)- Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 300’tti tilmaamaman to’atamuu Koomishiniin Gumurukaa beeksise.

Komishinichi to’annoo fi hordoffii Amajjii 3-9, 2016 gaggeesseen, meeshaalee kontiroobaandii galii Birrii miiliyoona 130.9 fi meeshaalee kontiroobaandii daldala alaa Birrii miiliyoona 169.7, waliigalaan meeshaalee Birrii miiliyoona 300 fi kuma 600 waajjiraalee dameewwan isaa garaagaraatti to’atamuu eereera.

Meeshaleen to’atamanis uffannaalee, meeshaalee elektirooniksii, Buna, qorichaalee, meeshaalee faayaa, Jimaa, balaa Sammuu hadoochu, qaamolee jijjiirraa konkolaattotaa, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan koomishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment