Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 288tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Hagayya 30, 2016 (FBC) – Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 288tti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumurukaa beeksiise.

Meeshaaleen kunneen Hagayya 17 – 23, 2016tti sakattoo dameewwan gumurukaa garaagaraatti taasiifameen to’atamuu ibseera.

Uffataalee, meeshaalee Elektirooniksii, Buna, Qorichaalee, faayaa, Jimaa, meeshaalee qaama jijjiiraa konkolaattootaa, galteewwan ijaarsaa, Warqee, Zayita nyaataa, Horii Gaanfaa, Meeshaaleen waraanaa fi maallaqoonni biyyoota garaagaraa to’atamuu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment