Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 287’tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Amajjii 6, 2016 (FBC)-Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 287’tti tilmaamamu to’atamuu Komishinii Gumurukaa beeksise.

Koomishinichi Mudde 26 hanga Amajjii 2, 2016’tti hordoffii taasiseen meeshaaleen kontirobaandii galii Birrii miiliyoona 140.7 fi meeshaleen daldala alaa Birrii miiliyoona 146.3 waajjiraalee garaagaraa damee isaatti to’atamuun eerameera.

Meeshaleen to’atamanis uffannaa, meeshalee elektirooniksii, Buna, qorichaalee, meeshaalee faayaa, Jimaa, baala sammuu hadoochu, qaamolee jijjiirraa konkolaataa, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment