Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 23tti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Amajjii 27, 2014 (FBC) – Guyyoota 2 darbanitti meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 23tti tilmaamaman to’atamuu Komishiniin Gumuruukaa Ityoophiyaa beeksise.

Meeshaaleen kunneen kan to’ataman dukkana da’eeffachuun gara giddugala biyyaatti seensisuuf osoo yaaliin taasifamuu ta’uu Komishinichatti Dursaan Garee Ittisa Kontiroobaandii obbo Alamuu Yimar ibsaniiru.

Haaluma kanaan gaafa Amajjii 25, 2014 meeshaaleen uffataa fi qorichoonni Birrii miiliyoona 10tti shallagaman Godina Shiniilee aanaa Muuluurraa gara aanaa Gawwaaneetti osoo dabarfamuuf jedhanii to’atamuu ibsaniiru.

Bifuma Walfakkaatuun Amajjii 26, 2014  halkan keessaa naannoo sa’aatii shanii konkolaattonni lama meeshaalee kontiroobaandii Birrii miiliyoona 13 fi kuma dhibba 1 tilmaamamu fe’anii to’atamuu eeruuniiru.

Maddi :- TOI

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment