Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 21 olitti tilmamamaan to’annaa jala oola

Finfinnee, Hagayya 17, 2013 (FBC)- Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 21 olitti tilmamamaan to’annaa jala ooluu Komishiniin Gumurukaa beeksiseera.
Torbe darbee meeshaaleen kontiroobaandii galii fi baasiin Birrii miiliyoona 21.2tti tilmamamaan to’annaa jala ooluu ibsameera.
Meeshaaleen kunneen tumsa hojjettoota komishinii gumurukaa, poolisii federaalaa, raayyaa ittisa biyyaa, poolisii naannoo fi eeruu hawaasan sakattoo taasifameen to’annaa jala ooluu ibsameera.
Meeshaalee to’annaa jala oolan keessaa nyaata, uffataalee, elektirooniksii, qorichootaa, meeshaalee faayyaa fi waraanaa akkasumas maallaqoonni biyyoota garagaraa ni argamuu jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment