Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 20 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Guraandhala 8, 2016 (FBC) – Magaalaa Adaamaatti Meeshaaleen Kontiroobaandii Birrii miiliyoona 20 olitti tilmaamamu to’atameera.

Moobaayiloonni kumni 1 fi 190 fi Baatiriin Moobaayilaa kumni 4 fi 996 Baalee Bahaa Magaalaa Ginniirii ka’uun magaalaa Adaamaa seenuf ture shakkamtoota waliin to’atamuu ibsameera.

Meeshaaleen kunneen Birrii miiliyoona 20 fi kuma 81 olitti kan tilmaamaman ta’uu ragaan Poolisii Federaalaarraa argame ni mul’isa.

Gama biroon shakkamaan beekkamtii Itiyoo-Teekoomiin ala Siimkaardii 721 fayyadamuun hojii waliin dhahuu raawwachaa ture to’atamuu himeera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Comments (0)
Add Comment