Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 156tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Waxabajjii 12, 2014 (FBC) – Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona dhibba 1fi miiliyoona 56 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumurukaa beeksiiseera.

Torbee tokko keessatti hordoffii dameewwan komishinichaa garaagaraatti taasiifameen meeshaalee karaa seeraan alaa gara biyyaa galuuf ture Birrii miiliyoona 60.4 baasuu fi kan gara alaatti ba’uuf ture Birrii miiliyoona 96.2 baasu to’amuu ibseera.

Meeshaaleen kunneen buufataalee to’annoo Aqaaqii, Jigjigaa fi Dirree Dawaatti baay’inaan to’amuu himeera.

Meeshaaleen Elektirooniksii, Boba’aan, Uffataaleen, Horiin dhaabbii, Bunni, Qorichaaleen, meeshaalee faayaa, waraanaa, baalli sammuu namaa adoochu, Zayitiin nyaataa fi maallaqoonni biyyoota adda addaa to’annoo jala ooluu isaanii komishinichi eereera.

Dhimmicha waliin walqabatee shakkamtoonni 8 to’annoo seeraa jala ooluu ragaan kkomishinii Gumurukaarraa argame ni muul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment