Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 100 olitti tilmaamaman to’ataman

Finfinnee, Mudde1, 2015 (FBC) – Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 103 olitti tilmaamaman to’atamuu ibsame.

Komishiniin Gumruukaa Sadaasa 23- 29,2015tti hordoffii taasiseen meeshaaleen kontiroobaandii alaa galan Birrii miiliyoona 93.8’tti shallagamaniifi meeshaaleen al-ergii Birrii miiliyoona 9.7olitti tilmaamaman to’atamuu eerameera.

Meeshaaleen to’ataman uffata, boba’aa, beelladoota, meeshaalee elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaattota, meeshaalee miidhaginaa, meeshaalee waraanaa, jimaa, baala sammuu namaa hadoochu, zayita nyaataafi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ibsameera.

Meeshaaleen kunneen qindoomina hojjettoota komishinichaa, poolisii federaalaa, miseensota poolisii naannoleefi hawaasaan to’atamuu eeruun, namoonni dhuunfaa meeshaalee kanneen daddabarsaa turan 26 to’atamuus ibsameera.

Komishinichi qaamolee seera kabachiisuurratti bobba’an hunda galateeffachuu ragaan Komishinii Gumruukaarraa argame ni mul’isa.

Kontiroobaandiifi daldala seeraan alaa ittisuuf qaamoleen dhimmatootaafi hawaasni gahee isaanii akka bahatan komishinichi waamicha dhiyeesseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment