Meeshaaleen kontirobaandii Birri miiliyoona 160 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2016 (FBC)- Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 160 olitti tilamaamamu to’atamuu Pooliiin Federaalaa beeksise.

Meeshaaleen kontirobaandii kunneenis uffannaalee, nyaataa, qaamolee jijjiirraa konkolaataa, meeshaalee mana keessaa, sibiilota, moobaayiloota, kopheewwan, qorichaalee, maashinootaa, meeshalee faayaa garaagaraa ta’uun ibsameera.

Meeshaaleen kunneenis Somaalilaandirraa ka’uun Magaalaa Dirree Dhawaa galfamuu wayitaa yaalaman eeruu ummatarraa qaqqabeen to’annoo jala oolfamuu akka danda’ee ragaan Poolisii Federaalaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment