Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 375 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Mudde 10, 2016 (FBC)- Meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 375 olitti tilmaamamu to’atamuu Komishiniin Gumurukaa beeksise.

Komishinichi hordoffii Sadaasa 28-Mudde 4, 2016’tti taasiseen meeshaalee kontirobaandii galii Birrii miiliyoona 189.1 fi meeshaalee alergii Birrii miiliyoona 186.2, waliigalaan meeshaalee Birrii miiliyoona 375.3’tti tilmaamaman dameewwaan Gumrukaa garaagaraatti to’achuu ibseera.

Meeshaaleen to’ataman kunneenis uffannaalee, boba’aa, Buna, Qorichaalee, meeshaalee faayaa Jimaa, Baala sammuu hadoochu, meeshaalee elektirooniksii fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uu ragaan Komishinicharraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment