Meeshaaleen Kontirobaandii Birrii miiliyoona 111’tti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Bitootessa 30, 2015 (FBC)- Bitootessa 22-28, 2015 hordoffii taasifameen meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 111tti tilmamaman to’atamaniiru.

Meeshaleen kontirobaandii galii Birrii miiliyoona 88.2, meeshaalee ba’ii Birrii miiliyoona 22.9 to’atamaniiru.

Meeshaaleen kontirobaandii kunneen sakattaa taasifamee fi eeruudhaan kanneen to’ataman ta’uu ragaan Koomishinii Gumurukaarraa argame ni mul’isa.

Daddabarsitoonni meeshalee kontirobaandii 18 fi konkolaattonni 12 to’annoo jala oolfamuun eerameera.

Meeshaaleen kunneen uffaanaa, boba’aa, beeyladootaa dhaabii, elektirooniksii, buna, qorichoota, meeshaalee miidhaginaa, jimaa, baala sammuu hadoochu, zayiita nyaataa fi maallaqa biyyoota garaagaraa ta’uun eerameera.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment