Finfinnee, Caamsaa 30, 2014 (FBC) – Torban darbe meeshaaleen kontirobaandii ba’iifi galii Birrii miiliyoona dhibba 1 fi miiliyoona 10 fi kuma 66 tti tilmaamaman to’atamuu Kooomishiniin Gumurukaa beeksise.
Koomishinichi torban darbe waajjiraalee dameI isaatti hordoffii taasiseen meeshaalee kontirobaandii galii Birrii miiliyoonaa 87.9 fi meeshaalee kontirobaandii ba’ii Birrii miiliyoonaa 22.1tti tilmaaman to’atamuu ibseera.
Meeshaalee kotirobaandii galii to’achuu keessatti dameen koomishinichaa mooyaalee, jijjigaa fi dirree Dhawaa yoo ta’an, meeshaalaann to’annoo jala oolanis, uffannaa, boba’aa, beeyladootaa, meeshaalee elektirooniksii, buna, qorichoota, konkolaataa, meeshaalee miidhaginaa, meehsaalee waraanaa, jimaa, baalaa sammuu namaa hadoochu, zayiita nyaataa fi maallaqaa biyyoota garaagaraa ta’uun eerameera.
Meeshaaleen kontirobaandii to’ataman kunneen, hordoffii qaamolee nageenyaa, poolisii federaalaa, poolisii naannoo fi hirmaanna hawaasaan ta’uun ibsameera.
Daldaltoonni meeshaalee kontirobaandii torbas to’annoo jalaa ooluu koomishinichi beeksiseera.
Daldallii kontirobaandii miidhaa dinagdee biyyaarratti dhaqqabsiisu hubachuun qaamoleen hundi ittisaa isaarratti hirmaachuu akka qabu koomishinichi waamicha dhiyeesseera.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.