Meeshaaleen ‘Firaankoo Vaaluutaan’ galaa turan sanada wabii Baankota Daldalaan akka galfaman murtaa’eera-Obbo Ahimad Shidee

Finfinnee, Sadaasa 4, 2017 (FBC)- Meeshaalee bu’uuraa ‘Firaankoo Vaaluutaan’ galaa turan sanada wabii baankota daldalaan akka galfaman murtaa’uu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shideen ibsan.

Mootummaan daldala meeshalee bu’uuraa irratti hanqinni oomishaa akka hinmudanneef abbootii qabeenyaa dhuunfaaf ‘Firaankoo Vaaluutaa’ eeyyaamuuun ni yaadatama.

Haa ta’u malee hojmaannni kun gabaa gurraachaaf saaxilamuun sharafa alaarratti dhiibbaa uumuu fi faayidaasaarra miidhaan isaa caaluun ibsameera.

Karaa guutuu ta’een hojiirra oolmaa fooyyessii imaammata diinagdee gooroon garaagarummaa tilmaama sharafa alaa gabaa idilee fi kanneen biroo gidduu akka walitti dhiyaatu taasifamuun ‘Firaankoo Vaaluutaan’ akka ka’u taasifamuu ibsan.

Meeshalee bu’uuraa ‘Firaankoo Vaaluutaan’ akka biyya keessa galfaman murteen ture guutummaatti akka dhaabbatu taasifamuu dubbataniiru.

Adeemsicha irratti meeshaleen alarraa, torbanoota lama keessatti akka galfaman ni taasifamas jedhaniiru.

Bu’uura murtichaan meeshaleen bu’uuraa alaarraa galan sanda wabii baankota daldalaa qofaan akka galfaman murtaa’uu fi kunis hojiitti seenamuu mirkaneessaniiru.

Baankonni daldalaa meeshaalee bu’uuraaf kuufama sharafa alaa gahaa akka qaban kaasanii, baankonnis xiyyeeffannaa kennuun dhiyeessii sharafa alaa akka fooyyessan ni taasifamas jedhan.

Mootummaan tarkaanfii imaammata dhiyeessii meeshalee bu’uuraa fi gatii tasgabbeessuu cimsee akka itti fufu akeekaniiru.

Tarkaanfii imaammataa fi to’annoon garaagarummaan gabaalee dhiphachuu hubachiisaniiru.

Hojiirra oolmaa fooyyessii imaammataa diinagdee gooroon, walbuusi tilmaama sharafa alaa hinmudanne jedhanii, fuuldurattis gama Baankii biyyaalessaan hordoffii cimaan akka taasifamu eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment