Meeshaaleen Barnootaa Birrii miiliyoona 9.4’tti tilmaamamu deeggarsa taasifame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2016 (FBC)- Naannoo Harariitti meeshaaleen barnoota Birrii miiliyoona 9.4’tti tilmaamaman barattoota maatii harka qalleeyyiif taasifame.

Deeggarsichi, Biiroo Barnoota Naannicha, Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immaanii fi Dargaggoota, dhaabbiilee mootummaa fi miti mootummaa naannichatti argamanii fi abbootti qabeenyaan akka taasifame ibsameera.

Deeggarsi meeshalee barnootaa akka baaruullee, qalamaa fi kanneen biroo ta’uu ragaan koominikeeshini naannicharra argame ni mul’isa.

Deeggarsichan barattoonni kuma 6 ol fayyadamoo ni ta’us jedhameera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment