Meeshaalee fi konkolaattota dhorkiin eeyyama sharafa alaa kaa’ame tureerratti sirreeffamni taasifame

Finfinnee, Guraandhala 30, 2016 (FBC)- Meeshaalee fi konkolaattota dhorkiin eeyyama sharafa alaa kaa’ame tureerratti sirreeffamni taasifamuu Ministeerri Maallaqaa beeksise.

Ministeerichi ibsa baaseen raawwii irratti rakkoolee mudatan sakatta’uu fi qorachuun sirreeffama taasiseen Onkoloolessa 4, 2015 xalayaa barreeffameerratti kanneen tarreeffaman meeshaalee ‘firaankoo vaaluutaan’ galanii fi konkolaattoota kan hin ilaallanne ta’uu ibseera.

Akkasumaas Bitootessa 22, 2015 dura meeshaalee baankiidhaan eeyyama argatanii fi konkolaattoota sandootaa Komishinii Gumurukaan dhiyaatan erga sakattaa’aan taasifamee yeroo xumuraaf akka galan eerameera.

Kana malees, suuqiiwwan meeshaalee qaraxa malee galchan dhorkiin sharafa alaa kan hinilaallanne ta’uu beeksiseera.

Konkolaattoota utuu hindabalanne meeshaleen dhorkiin sharafa alaa ilaallatu biyya keessa erga galanii booda qophii kamuu utuu hintaasifamne yookaan adeemsii oomishaa utuu irratti hingaggeeffamiin, tajaajila irraa oomishaalee oolanii fi meeshalee dheedhii oomishaaf oolan yookaan galteewwan biroo dhorkiin kan hinilaallannee ta’uun ibsameera.

Konkolaattoota ilaalchisee kanneen ulaagaa gadi ta’an sharafni alaa kan hineeyyamamneef ta’uu eeruun, ministerichi ibsa yeroo garaagaraatti kenne haqamuun ibsa kanaan kan bakka buufame ta’uu hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment