Meeshaa waraanaa dabalatee Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 18 olitti tilmaamamu too’atame

Finfinnee, Fulbaana 15,2013 (FBC)- Meeshaa waraanaa dabalatee Meeshaaleen kontiroobaandii Birrii miiliyoona 18 olitti tilmaamamu too’atame.
Konkolaataan fe’umsaa Finfinneerraa gara magaalaa Qobbootti imalaa ture Shugguxii seeraan alaa 3 seeraamikii keessa dhooksuun dabarsuuf otuu yaalu shakkatinsa hojjetoota buufata shakkatoota Waldiyaan Fulbaana 11, 2013 too’tameera.
Gama biraan meeshaa kotiroobaandii Birri miliyyoona 18 fi kuma 100 fi kuma 11 fi 599 tilamaamamu buufatalee sakattoo gumurukaa garagaraatti to’atameera.
Kanneen keessaa Jimaa gogaa Birrii miiliyoona 13 fi kuma 700tti tilmaamamu konkolaataan fe’amee biyyaa bahuuf otuu jedhu buufata Ya’aaballootti galii ta’eera.
Akkasumaas jimaa gogaan kiiloo giraamaa 8,980 karaa seeraan alaa gara Keeniyaatti imala otuu jiru too’tamuu ragaan waajjira gumurukaa damee Mooyyaalee argame ni muldhisa.
Dabalataan meshaaleen kontiroobaandii Somaalee laandiirraa gara Jigjigaa galuuf ture naannoo Tullu guleediitti akkasumaas karaa galaanaa diimaa mishingaa biyyaa alaa fi zayitni nyaataa Birrii 3,500,000 tilmaamamu too’atameera.
Haaluma walfakkatuun meeshaleen kotiroobaandii Birrii 1,141,599 tilmaamamu waajjira gumurukaa dame Jimmaa jalatti kan argamu buufata sakattoo Hoolee fi Qaalaa Baarootti too’tameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa
Comments (0)
Add Comment