Meeshaa qara qabuun sodaachisuun qabeenya kanneen saamaan hidha cimaan waggaa 9 itti murtaa’e

Finfinnee, Sadaasa 24, 2016 (FBC)- Himatamtoota sadii konkolaataa abbaa miila sadii (Baajaajii) keessatti meeshaa qara qabuun imaltuu sodaachisuun qabeenyaa ishee kan saaman hidhaa cimaa waggaa sagaliin akka adabaman itti murtaa’e.

Mana murtii Olaanaa Magaalaa Shaggaritti Abbaa Alangaa Ramaddii Kutaa Magalaa Sabbataan Himatamtoota Abdii Geetaachoo, Saalaa Xaasoo (Heenook) fi Iisaa Habtaamuu (Naatinaa’el) himanni yakka saamichaan irratti dhiyaateera.

Himatamtoonni Waxabajjii 24, 2015 ganama keessaa sa’aatii 4:00 irratti, miidhamtuu dhuunfaa Hiruut Magarsaa jedhamtu naannawaa buufata taaksii Sabbaraarraa baajaajii qabachuun imalaa utuu jirtu meeshaa qara qabuun sodaachisuun gara Hadiida Baaburaa Furiitti dirqamsiisuun geessuun eerameera.

Meeshaa qabataniinis mormarra miidhaa geessisuun, Warqee mormaa Giraama 12, Warqee Amartii Qubaa giraama 5, kompiwuutara laaptooppii fi bilbila moobaayila harkaa, walumaagalatti Birri kuma 145 fi 750’tti tilmaamaamu saamuun daggala keessatti gatuun miliquun eerameera.

Dhaddachi yakkaa Mana murtii Olaanaa Magaalaa Shaggar dhaaddacha har’a ooleen tokkon tokko himatamtootaa hidhaa cimaa waggaa 9’n akka adabaman murtee kenneera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment