Meejer Jeneraal Kinfee Daanyawu irratti murtiin adabbii darbe

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC)- Manni Murtii Olaanaa Federalaa Ramaddii Lidataa Dhaddachi Yakka Malaammaltummaa 4ffaan Daayrektara olaanaa Koorporeeshinii Injiinariingii fi Sibiilotaa (METEC) Duraanii Meejer Jeneraal Kinfee Daanyawu irratti murtii adabbii darbarse.

Ministeera Haqaatti Abbaan Alangaa Daayrektoreetii Dhimmoota Yakka Malaammaltummaa Sadaasa 18, 2012 Raadaarota sadarkaa isaanii hineegganne 111 baasii Birri miiliyoona 214 oliin bittaa raawwachuun mootummaarraan miidhaa geessisaniiru jechuun himatamtoota 4 irratti himannaa yakka malaammaltummaa banuun ni yaadatama.

Haaluma kanaan, Manni Murtichaa Meejer Jeneraal Kinfee Daanyawu ragaasifama balleessaniiru ittiin jedhaman bu’uura gulantaa 16ffaan hidhaa cimaa waggaa 3 fi baatii 7 akkasumas Birrii kuma 1 itti murteesseera.

Ta’us, manni murtichaa Meejer Jeneraal Kinfee Daanyawu yakkaa kan biraan kan hinbarbaadamne yoo ta’e, hidhaarraa gadi lakkifamuu danda’u jedhus Meejer Jeneraal Kinfee Daanyawu himata hinxumuramne jechuun bittaa meeshaalee qonnaa, bittaa doonii, hoteelaa barnootaan walqabatee galmeewwan himata afur mana murtiin ilaalamaa jira.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment