Finfinnee, Bitootessa 5, 2013 (FBC)- Daayreektarri olaanaan Indooktiriineeshinii raayyaa ittisa biyyaa Meejar Jeneraal Mahaammad Tasammaan hoggantoota olaanoo humna waraanaa Ityoophiyaa nageenya kabachiisuuf Sudaan Kibbaatti bobbaa’an waliin mari’ataniiru.
Meejar Jeneraal Mahammad, hoggantoota kanneen waliin qophaa’ummaa ajaja dirqaamaa fudhachuufi haala raawwachisummaa isaa irratti mari’ataniiru.
Marii isaaniitin hojiilee oolantummaa seera kabachiisuuf hojjetamaanii fi hojii miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Sudaan Kibbaatti argamaan dirqaamaa Maqaafi beekkamtii Ityoophiyaa kabachiisuu hojjetamaa jiru irrattis xiyyeefataniiru.
Tibbaa darbe namoonni dhuunfa 15 gara biyyaatti hin deebinuu jechuun buufata xiyyaara Idila addunyaa Juubaatti jeequmsa uumuun ergama Juuntaa raawwachuuf yaaliin taasifamees hirmaattonni marichaa balaaleffataniiru.
Qaamoleen kunis Biyyaa keenyas ta’ee Raayyaa Ittisa Biyyaa bakka hin bu’aan jedhaniiru.
Akkasumas miseensoonni Raayyaa Ittisaa Biyyaa nagaa kabachiisummaa irra jiran hojii isaanii ciminaan hojjechuun maqaa biyyaatti olqabuun seena hojjechuu qabus jedhameera.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.