Meejar Jeneraal Kinfee Daanyachoon bittaa Hoteela Inpeeriyaalii fi Riivaraaliin waliin qabatee yakka malaammaltummaa raawwatan jedhaman

Finfinnee, Bitootessa 4, 2016 (FBC) – Manni Murtii Meejar Jeneraal Kinfee Daanyachoon bittaa Hoteela Inpeeriyaalii fi Riivaraaliin waliin qabatee yakka malaammaltummaa raawwatan jechuun murtee ballessuummaa irratti darbarse.

Manni Murtii Olaanaa Federaalaa ramaddii 3ffaa Lidataa dhimmoota yakka Malaammaltummaa Dhaddacha har’a ooleen Meejar Jeneraal Kinfee Daanyachoon bittaa Hoteela Inpeeriyaalii fi Riivaraaliin waliin qabatee yakka malaammaltummaa raawwatan jechuun murtee ballessuummaa irratti darbarseera.

Abbaan Alangaa Daayrektarri olaanaan duraanii Korporeeshinii Injinariingi Sibiilootaa Meejar Jeneraal Kinfee Daanyachoon seeraan ala bittaa Hoteela Inpeeriyaalii fi Riivaraaliirratti yakka malaammatummaa cimaa raawwatan jechuun himata irratti banee ture.

Shakkamicha yakkicha hin raawwanne jechuun waakkachuu hordofee Abbaan Alangaa ragaalee sanadaa fi namaa dhiyeessuun dhageessiseera.

Manni murtiis ragicha qorachuun himatamichi ragaa ittisaa akka dhiyeeffatu ajajus ragaa ittisaa dhiyeeffachuu hin dandeenye jedhame.

Haaluma kanaan manni murtichaa bu’uura seera yakkaa keeyyata 407 muraa 1 ‘A’ murtee balleessummaa irratti dabarseera.

Manni murtichaa yaada adabbii hir’isan qorachuun murtee adabbii laachuuf Bitootessa 7, 2016tti beellameera.

Meejar Jeneraal Kinfee Daanyachoon kana dura Bittaa Raadaatii 111walqabatee yakka malaammaltummaa raawwataniin adabbiin cimaan waggaa 3 fi baatii 7 irratti darbee ture.

Yeroo ammaas bittaa Dooniin dabalatee yakka malaammaltummaa raawwatan jechuun himanni 3 irratti banamee adeemsa mana murtiirra jiraachuu eerameera.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment