Meedirook Birrii biiliyoona 26’n Warshaa Warqee Beenishaangul Gumuzitti ijaaruufi

Finfinnee, Mudde 24, 2017 (FMC)- Garee Investimantii Meedirook Naannoo Beenishaangul Gumuz Godina Matakkal Aaanaa Bulanitti Warshaa Warqee Birrii biliyoona 26’n ijaaruuf ta’uu beeksise.

Meedirook dhimmootaa ijaarsa warshichaarratti qondaaltota olaanoo naannichaa waliin magaalaa Gilgal Balasitti mari’ateera.

Daayrektarri Kooropreet Pirojektii Damee Albuudaa Meedirook Suraafeel Laaqewu, dhaabbanni isaanii damee albuudaarratti haala ammaayya’een baasuu fi galii damicharraa argamu guddisuuf aanaa Bulanitti Warshaa ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Warshichi carraalee hojii kuma 1 fi 500 kan uumu yoo ta’u, warshicha ijaaruun qabeenyi damichaa akka hinqisaasofne kan taasisuu fi daddabarsa Warqee seeran alaa qajeelchuun faayidaa biyyaaf akka ooluu tumsa jedhaniiru.

Hogganaan Biiroo Albuudaa Naanichaa Obbo Admaasuu Morkaa gama isaaniin, qabeenya albuudaa naannichaa dhaabbilee fi abbootii qabeenyaa dandeettii qabaniin teeknooloojii ammayyaa’aa fi beekumsan hogganuun akka misoomuuf hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Warshichi ijaaramuun diinagdee naannichaa kan dadammaqsu ta’uu fi sharafa alaa biyyatti guddisuuf gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment