Meedaaliyaan Badhaasa Noobeelii Nageenyaa fi Dippiloomaan Dooktar Abiy argatan Ministeera Nageennyaa kaa’ame

Finfinnee, Muddee 5, 2012 (FBC) – Meedaaliyaan Badhaasa Noobeelii Nageenyaa fi Dippiloomaan Muummeen Ministiraa Dooktar Abiy argatan keessaa tokko ummata bira akka ga’uuf Ministira Nageenyaa kaa’ame.

Bakka Ministirri Nageenyaa aadde Moofriyaat Kaamiil, Hoggantoonni fi hojjettoonni minitirichaa, aanga’oonni olaanoon dhaabilee qindoomaa ministirichaa, jaarsoliin biyya,hoggantoonni amantaa fi keessummoonni kabajaa argamanitti sirnaan kaa’ameera.

Badhaasa muummee ministiraaf kenname keessa tokko ummata biraan akka ga’u ministirri nageenyaa filatamuu isaa ibsameera.

Kennaan kabaja biyyaa kun mana hojii ministirichaa akka kaa’amuuf filatamuun isaa ministeerichi yeroo itti aanu caalmaatti nageenyaa amansiisaa fiduuf akka hojjetu kan jajjabeessuudha jedhan aadde Mofriyaat.

Fakkeenyummaan, walga’iinsi fi bu’aan isaa biyya, Ardii, guutuu addunyaa fi hawaasa nagaa barbaadu hundaaf ta’uu isaa ibsaniiru.

Badhaasni kun dhaloonni dhufu waardiyaa nageenyaa akka ta’uu fi fudhamata Ityoophiyaan sadarkaa addunyaatti qabdu kan ol kaasu ta’uus sirnicha irratti ibsameera.

Akkasumas Meedaaliyaa fi Dippiloomaan kun Yuunvarsiitii Finfinnee Dhaabbata Qorannoo Ityoophiyaa fi Godaambaa bi

Comments (0)
Add Comment