Maxxansi meeshaalee filannoo biyyoolessaa Duubaayitti eegalameera

Finfinnee, Muddee 8, 2012 (FBC) – Maxxansi meeshaalee filannoo biyyoolessaa Duubaayitti eegalameera.

Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Ityoophiyaa meeshaalee filannoof tajaajilan biyyaan alatti yoo maxxansiisu kun kan jalqabaa ta’uu EBCn gabaasera.

Maxxansicha walitti qabduun boordichaa aadde Birtukaan Miidhaksaan jalqabsiisaniiru.

Maxxansoonni kanneen afaan Oromoo, Amaaraa, Soomaalee, Tigraayii fi afaan Afaarini qophaa’aa jiru.

Maxxansicha hojjechaa kan jiru dhaabbata Duubaayitti argamu, muuxannoo waggoota 40 qabu Alfaaraagiidha.

Amma ammaattis meeshaalee filannoo Keeniyaa, Yuugaandaa, Maalaawii fi Taanzaaniyaa maxxanseera.

Comments (0)
Add Comment