Matakkalitti rakkoo nageenyaa mudateen hoggansa 45 irratti tarkaanfiin fudhatame

Finfinnee, Fulbaana 18, 2013 (FBC)- Naannoo Beenishaanguul Guumz godina Matakkalitti rakkoo nageenyaa mudatee tureen hoggansa 45 irratti tarkaanfiin fudhatame.
Isaan keessaa 10 seeran akka gaafataman murtaa’e.
Tarkaanfiin sisaayaa fudhatame hoggansa sadarkaa naannorraa hanga aanaatti ta’uunis ibsameera.
Afurtamii shan irratti tarkaanfiin fudhatameera, isaan keessaa tokko kan jijjiirrame yoo ta’u kaan hoggansarraa akka kaafaman eerameera.
Afurtamii shanan keessaa 10 seeran akka gaafataman murtaa’uu Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Beenishaanguul Guumz ibseera.
Haaluma kanaan itti aanaan koomiishinara koomiishinii poolisii naannichaa Koomaandar Naggaa Jaarraa, ajajaan humna addaa naannichaa Koomaandar Waaqgaarii Poolii hoggansarraa yoo kaafaman, hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa obbo Abarraa Baayyataan gara biiroo biraatti jijjiirramaniiru.
Godina Matakkalittis hoggansi 8 sadarkaa hoggansaarraa kaafamaniiru.
Aanaa Bulan, Wambaraa, Daanguur, Dibaaxee, Maanduuraa fi Gubaattis hoggansi ga’eesaa hin ba’atin hafeera jedhame kaafameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment