Matakkal aanaa Bulanitti lammiilee buqqa’aniif deeggarsi taasifame

Finfinnee, Fulbaana 15, 2013 (FBC) – Naannoo Beenishaangul Guumz, godina Matakkal aanaa Bulanitti lammiilee buqqa’aniif deeggarsi taasifame.
Lammiileen kanneen rakkoo nageenyaa tibba darbe mudateen qayee isaanitirraa buqqaafamuun ni yaadatama.
Haaluma kanaan preezdaantiin naannoo Beenishaanguul Guumz obbo Ashaadlii Haasanii fi preezdaantiin naannoo Amaaraa obbo Tamasgeen Xiruunah bakka argamanitti deeggarsi Birrii miiliyoona 18 taasifameera.
Deeggarsicha kan taasise Ministeera Galiiwwanii FDR fi Koomiishinii Guumruukaa Federaalaati.
Rakkoo nageenyaa mudatu naannoleen lamaan ummata waliin ta’uun hiikuu fi nagaa buusuuf kan hojjetamu ta’uu preezdaantonni nananolee lamaanii beeksisaniiru.
Rakkoo mudatee tureen namoonni shakkaman 391 to’atamanii dhimmi isaanii seeran laalamaa kan jiru yoo ta’u, dabalataan shakkamt5oonni 20 to’atamaniiru.
Godina Matakkalitti baatii sadiif koomaand poostiin labsamuun hin dagatamu.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Comments (0)
Add Comment