Mata duree “Ityoophiyaa baraaruuf marii biyyaalessaa hirmaachisaa” jedhuun mariin paanaalii gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 21, 2014 (FBC)- Mata duree “Ityoophiyaa baraaruuf marii biyyaalessaa hirmaachisaa” jedhuun mariin paanaalii gaggeeffameera.

Marichi Yuunvarsiitii Finfinneetti Inistiityuutii Qorannoo fi Qo’annoo fi ISSn kan qophaa’e ta’uu ibsameera.

Waltajjiin marichaa barbaachisummaa marii biyyaalessaa gaggeessuu fi haaldureewwan jiran, marii biyyaalessaa gaggeessuuf muuxannoo biyyoota biroo akkasumas ga’umsa Ityoophiyaan qabduu fi dhimmoota biroorratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera.

Rakkoolee biyyaalessaa waggoota dheeraaf turan marii biyyaalessaan furuuf tattaaffii taasifamu deeggaruuf mootummaan kutannoo qabaachuu Ministeera Nageenyaatti Ministir  Deetaan damee  Bulchiinsa Federaalizimii fi Waldhabdee Dooktar Siyyum Masfin ibsaniiru.

Hirmaattonni marichaa yaadota marii biyyaalessaaf ni fayyada jedhan kaasanii irratti mari’achuu ragaan Ministeera Nageenyaarraa argame ni mul’isa.

Ityoophiyaa :-  Haa Misoomsinu,  Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment