Masaraa qofa osoo hin taane seenaa Oromoo ijaarra – Obbo Awwaluu Abdii

Finfinnee, Caamsaa 9, 2015 (FBC) – Mootummaan naannoo Oromiyaa gaaffii Ummata Oromoo deebisuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetaa jiraachuu Itti Aanaan Pireezidaantii naannichaa Obbo Awwaluu Abdiin ibsaniiru.

Magaalaa Finfinneettis gaaffii aadaa fi seenaa Ummataa Oromoo deebisuuf hojjetamaa jira jedhan.

Rakkoo keessa ta’ees egeree Oromoo qajeelchuuf humnaa fi dandeettii qabu hundaan gaaffii ummanni Oromiyaa waggoota 150 oliif itti wareegamaa ture deebisuuf Mootummaan naannoo Oromiyaa hojjetaa jiraachuu eeraniiru.

Masaraan Mootummaa Naannoo Oromiyaa har’a ijaarsi isaa eegaluus akkaataa duudhaa, Aadaa fi seenaa Oromoo naannawaa Finfinnee turee fi Guutuu Oromiyaa callaqqisiisuun kan ijaaramu ta’uu Obbo Awwaluun ibsaniiru.

Masaraan ijaarramu masaraa qofa osoo hin taane qaama seenaa Oromoo ijaaruu keessaa isa tokko jedhan.

Waliigalteen ijaarsicha jalqabsiisuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi Dhaabbata ijaarsaa Chaayinaa ‘CCECC’ jedhamu gidduutti taasifameera.

Siifan Magarsaa fi Jaalallii Hayiluutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment