“Masalaan” Kabajame

Finfinnee, Fulbaana 14, 2017 (FBC)- Jijjiirraan bara haaraa ummata Kambaataa “Masalaan” sirnoota garaagaraatiin kabajameera.

Sirna kabaja ayyaanichaarratti hawaasni godinichaa agarsiisaa aadaa fi faaruuwwan, gulufsiisa Fardaa dabalatee dhiichisaa aadaa garaagaraan kabajameera.

Ayyaanni “Masaalaa” Ummataa Kambaataa biratti bakka olaanaa kan qabu, aadaa qusannaa kan gabbisuudha jedhameera.

Xilaahuun Yilmaa fi Jamaal Kadirootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment