Finfinnee, Muddee 1, 2014 (FBC)- Masaaraa Mootummaa Amboorra balaan ibiddaa qaqqabuu ibsameera.
Hoogganaan bulchiinsa humna namaa zoonii giddugaleessaa Koomaandar Jamaal Adaam, ka’umsi balichaas elektirikarraa ta’uu ibsaniiru.
Tumsa qaamolee nageenyaa fi ittisa balaa abiddaatiin balaan qaqqabee to’atamuu himaniiru.
Balaa ibiddaa lubbuun namaarra balaan qaqqabe akka hin jirree fi qabeenya achi keessa kan baasan ta’uu ibsuusaanii ragaan kominikeeshinii Godina Shaawaa Lixaarra argamee ni muul’dhisa.
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna