Marsaritiin Miseensota diyaaspooraa gara biyyaa dhufan keessummeessu ifoome

Finfinnee, Muddee 18, 2014 (FBC ) – Marsaritiin Miseensota diyaaspooraa gara biyyaa dhufan keessummeessu ifoomuu Ejensiin Diyaaspooraa beeksise.

Waamicha gara biyyaa miseensota diyaaspooraa Ityoophiyaaf taasifame hordofee miseensonni diyaaspooraa hedduun gara Ityoophiyaa dhufaa jiru.

Haaluma kanaan Ejensiin Diyaaspooraa Ityoophiyaa yeroo turtii diyaaspooraa qindaa’aa, si’ataa fi bu’aa qabeessa taasisuuf akkasumas odeeffannoo gama maraa miseensa diyaaspooraaf kennuu fi odeeffannoo isaanii  walitti qabuuf  Marsaritii qopheessuu ibseera.

Marsaritiin kunis www.greatethiopianhomecoming.org ta’uu ibsameera.

Miseensi diyaaspooraa marsariticharratti akka galmaa’an, odeeffannoo akka argatanii fi gaaffii yoo qabaataan kallattiin deebii argachuu kan danda’an ta’uu ejensichi ibseera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment