Finfinnee, Bitootessa 15, 2017 (FMC) Waraana Raashiyaa fi Yukireen dhaabsisuu fi nagaa buusuuf mariisistoonni Ameerikaa mari’attoota Raashiyaa fi Yukireen waliin kopha kophaatti mar’iachuun ibsameera.
Biyyoota kanneen gidduutti nagaa buusuuf tattaaffiin Ameerikaan jalqabde kan itti fufee yoo ta’u; mariisistoonni Ameerikaa mari’attoota Raashiyaa fi Yukireen waliin addatti mari’achuu BBCn gabaaseera.
Sa’uudii Arabiyaa kan jiran Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Yukireen Rustam Umiiroov, mariin mariisistoota Ameerikaa waliin taasisan bu’aa qabeessa ta’uu fuula feesbuukii isaanii irratti barreessaniiru.
Marii isaanii keessatti nageenya anniisaa fi bu’uuraalee misoomaa murteessoo ta’an dabalatee dhimmoota nagaa haqaa fi waaraa diriirsuu waliin walqabatan kaasuun isaanii ibsameera.
Gama Raashiyaan dippilomaatoonni muuxannoo olaanaa qaban Giriigorii Kaaraasin fi gorsaan Tajaajila Nageenyaa Raashiyaa Sargee Besidaa marii kana irratti hirmaachuun beekameera.
Mariin kun har’as akka itti fufu kan ibsame yoo ta’u, galmi isaa guddaan naannoo Galaana Gurraachaatti dhukaasa dhaabsisuu danda’uudha jedhameera.
Gama kaaniin qondaaltonni olaanoo Raashiyaa fi Yukireen waliigaltee dhukaasa dhaabuu irra ga’uuf Sa’uudii Arabiyaa wayita jiran kanatti, biyyoonni lamaan haleellaa diroonii walirratti aggaamaa jiraachuun himameera.
Qondaaltonni Yukireen akka jedhanitti Raashiyaan halkan tokkotti haleellaa diroonii 99 Yukireen irratti raawwatteetti.
Kiyeevis deebii kanaaf haleellaa diroonii guddaa dachee Raashiyaa irratti banuun helikooptaroota waraanaa afur barbadeessuu ishee beeksisteetti.
Qondaaltonni waraanaa Raashiyaa gama isaaniitiin, Yukireen Raashiyaa irratti hubaatii geessisuu ibsanii; haleellaawwan diroonii 28 ol fashaleessuu himuu isaanii BBC’n gabaaseera