Mariin waloo Ityoo – Siwiidiin gaggeeffame

Finfinnee, Caamsaa 20, 2013 (FBC) – Ministir Deettaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen jila Itti aanaa Ministira Alaa Siwiidiin Roobart Raayidibargiin durfamu waliin marii waloo taasiisaniiru.
Haala Waqtaawaa Ityoophiyaa, dhimmoota naannawaa, hariiroo waloo fi tumsa misoomaa biyyoota lamaaniirratti mari’ataniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen haala Waqtaawaa naannoo Tigraay, dhimma waldhabdee daangaa Ityoo – Sudaan, marii sadee hidha haaromsaa fi filannoo marsaa 6ffaa bara kana gaggeeffamurratti jilichaaf ibsa laataniiru.
Itti aanaan Ministira Ministeera Dhimma Alaa Siwiidiin Roobart Raayidibargiin gama isaaniin biyyi isaanii Ityoophiyaa waliin dameewwan garaagaraan hariiroo bara dheeraa qabaachuu ibsaniiru.
Siwiidiin tumsa misoomaa biyyoota Afrikaa waliin qabdu Ityoophiyaarraa kan eegalte ta’uu kaasaaniiru.
Siwiidiin hojii Mootummaan Ityoophiyaa naannoo Tigraayiitti hojjechaa jiruuf beekkamtii kan laattu ta’uu dubbataniiru.
Naannichaatti rakkooleen jiran akka furmaata argatan qooda fudhattoota waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Garaagarteen dhimma hidha Haaromsaa fi waldhabdeen daangaa biyyoota lamaanii mariin akka furmaata argatu mootummaan Siwiidiin kan jajjabeessu ta’uu himaniiru.
Tumsa misoomaa biyyoota lamaanii itti fufsiisuuf Siwiidiin sagantaa bara Faranjootaa 2022 hanga 2026tti tajaajilu qopheessaa jiraachuu himuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment