Mariin ummataa daangaa naannoo Oromiyaa fi Sidaamaa jiraatuu cimsuu irratti xiyyeeffate magaalaa Boonsa Daayyeetti taa’ame

Finfinnee, Gurraandhala 3, 2013 (FBC)-Mariin walitti dhufeenyaa fi misooma waliinii ummataa daangaa naannoo Oromiyaa fi Sidaamaa jiraatuu cimsuu irratti xiyyeeffate magaalaa Boonsa Daayyeetti taa’ameera.
Mariin kun kaleessaa jalqabee guyyaa lamaaf kan taasifamee yoo ta’u, bakka buutoonni jiraattoota aanaalee naannoo daangaa naannoo lamaanii jiran 11, hooggantoonnii naannolee lamaanii, jaarsoolii biyyaa fi abbootiin amantaa irratti hirmaataniiru.
Daangaa naannoolee lamaanii irratti kanaan dura sababaan walitti bu’isaa qorannoon mirkana’an keessa sosochiin koontirobaandii fi saamichi beelladaa gahee olaanaa qaba jedhamera.
Erga jijjiramaa as garuu, rakkoo kana furuuf karaa qindaa’a ta’een waan hojjetameef rakkoon jiru hir’achuu fi walitti dhufeenyi jirus daran cimaa jira jedhamera.
Walitti dhufeenya uummata daangaa naannolee kana cimsuuf sagantaan marii ta’amaa jiru kunis akka qopha’ee maricharratti himameera.
Fuula feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa yuutyuubii keenyan nu hordofuuf fbc afaan oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna!
Comments (0)
Add Comment