Mariin tokkummaa, amantaa fi sabdaneessummaarratti xiyyeeffate magaalaa Hararitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Muddee 7, 2013 (FBC) – Yaa’iin dhaabbilee amantaa Ityoophiyaa marii tokkummaa, amantaa fi sabdaneessummaarratti xiyyeeffate magaalaa Hararitti gaggeessaa jiru.
Waltajichi magaalaa Hararitti gaggeeffamuun isaa duudhaalee amantaa fi hawaasummaa jiraattoonni naannichaa itti beekkaman cimsuu fi muuxxannicha gara naannolee birootti babal’isuuf carraa gaarii ta’uu keessummaa kabajaan maricharratti kan argaman Preezdaantiin naannoo Hararii obbo Ordiin Badiriin ibsaniiru.
Yaa’iin Dhaabbilee Amantaa Ityoophiyaa bara 2003 erga hundaa’ee as hojiilee hedduu raawwachuu itti gaafataaan walii galaa dhaabbatichaa Liqa Tiguhaan Taagaay Taaddaleen eeraniiru.
Caasaalee naannoleetti argaman waliin ta’uun waliitti bu’iinsi hedduun araaraan akka hiikkatan taasiifameera jedhan.
Iddoolee waliin jireenyi ummataa gaaffii keessa gale qorannoon adda baasuun akka hiikkatanii fi hawaasa gidduutti wal amanuun akka uumamau hojjetamuu ibsaniiru.
Osoo walitti bu’iinsi hin uumaamin dursanii ittisuuf hoggantoonni amantaa fi qaamoleen dhimmi ilaalaltu xiyyeeffannoon hojjechuu qabu jedhan.
Duudhaa tumsaa fi tokkummaa lammiilee itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uus eeraniiru.
Waltajjii guyyoota lamaaf turu kanaan nageenyaa, tokkumma, amantaa, qabiinsa sabdaneessummaa fi dhimmoota biroorratti barreeffamni dhiyaachuun kan irratti mari’atamu ta’uu ragaan Biiroo Dhimmoota Koominikeeshinii Mootummaa naannicharraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment